-
Baʼuu 26:31-33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 “Foʼaa bifa cuquliisaa, suufii bifa dhiilgee, foʼaa diimaa fi quncee talbaa baʼeessa taʼee foʼame irraa golgaa+ tokko hojjedhu. Isa irrattis bifti kiruubelotaa haa dhaʼamu. 32 Isas utubaawwan muka laaftoo warqii uwwifaman afur irratti fannista. Hookkoowwan isaanii warqii irraa haa tolfaman. Utubaawwan sun miiloowwan uraa qabanii fi meetii irraa tolfaman afur irra haa dhaabaman. 33 Golgaa sana wal qabsiistuuwwan jalatti fannista; taabota Dhugaa Baatuu+ sanas achi fiddee golgaa sana duuba keessa. Golgaan kun Kutaa Qulqulluu+ fi Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe+ gargar isiniif ni baasa.
-