LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 40:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 Akkuma Yihowaan Musee ajajetti Taaboticha godoo qulqulluu sanatti ni galche; golgaa+ isaa sanas iddoo isaatti fannisee taabota Dhugaa Baatuu sana golgichaan ni dhokse.+

  • Leewwota 16:2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Ani duumessa+ keessatti qadaadicha gubbaatti waanan mulʼadhuuf,+ inni akka hin duuneef+ golgicha+ keessa gara iddoo qulqulluutti,+ jechuunis gara qadaada isa Taaboticha irra jiru fuulleetti yeruma barbaadetti akka hin seenne obboleessa kee Aaronitti himi.

  • 1 Mootota 8:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Achiis luboonni taabota kakuu Yihowaa sana fidanii kutaa manichaa isa keessaa,+ jechuunis Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe keessa qoochoowwan kiruubelotaa sana jala bakka isaaf qophaaʼe ni kaaʼan.+

  • Ibroota 9:2-4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Kutaan dunkaanichaa inni jalqabaa ijaaramee ture; isa keessas baattuun ibsaa,+ minjaallii fi daabboon Waaqayyo duratti dhihaatu*+ jira ture; inni Iddoo Qulqulluu+ jedhama. 3 Golgaa+ isa lammaffaa duuba immoo kutaan dunkaanichaa, “Hundumaa Caalaa Qulqulluu”+ jedhamu jira. 4 Iddoo kana keessa qodaan ixaanni itti aarfamuu inni warqii irraa tolfamee+ fi taabonni kakuu+ guutummaan isaa warqiidhaan uwwifame+ jira ture; taabota kana keessas hubboon warqii mannaa qabate,+ uleen Aaron inni late,+ akkasumas gabateewwan+ kakuun irratti barreeffame jira ture;

  • Ibroota 9:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Inni dhiiga reʼootaa fi dhiiga jibootaa utuu hin taʼin, dhiiga ofii isaa+ qabatee yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha iddoo qulqulluutti seenuudhaan fayyina* bara baraa nuuf argamsiise.+

  • Ibroota 9:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Sababiin isaas, Kiristoos iddoo qulqulluu isa harkaan hojjetame, isa fakkeenya isa dhugaa sanaa taʼetti+ hin seenne;+ kanaa mannaa, amma nuuf jedhee Waaqayyo* duratti mulʼachuuf+ kallattiidhaan gara samiitti seene.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi