-
Maatewos 14:15-21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Yeroo dhihu garuu barattoonni isaa gara isaa dhufanii, “Iddoon isaa bakka namni hin jirre dha, saʼaatiin isaas sokkeera; kanaafuu, namoonni kun gara gandeenii dhaqanii nyaata akka bitatan isaan geggeessi”+ isaan jedhan. 16 Yesuus garuu, “Deemuun isaan hin barbaachisu; isinumti wanta nyaatan kennaafii” isaaniin jedhe. 17 Isaanis, “Daabboo shanii fi qurxummii lama malee homaa hin qabnu” isaan jedhan. 18 Innis, “Isaanuma natti fidaa” jedhe. 19 Achiis namoonni sun marga irra akka tataaʼan ajaje. Daabboo shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee gara samii ilaalaa eebbise;+ daabboo sana erga caccabsee boodas barattoota isaatti kenne; barattoonni isaas namoota sanaaf kennan. 20 Hundi isaanii nyaatanii quufan; isaanis hambaa irraa hafe guuboo 12 guutuu walitti qaban.+ 21 Namoonni nyaatanis, dubartootaa fi ijoollee utuu hin dabalatin dhiirota gara 5,000 turan.+
-
-
Luqaas 9:12-17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Guyyichis dhihuu jala gaʼee ture. Warri Kudha Lamaan sunis gara isaa dhufanii, “Iddoon jirru kun bakka namni hin jirre dha; kanaafuu, namoonni kun gara gandootaa fi baadiyyaa naannoo kana jiran dhaqanii bakka bulanii fi nyaata akka barbaaddatan isaan geggeessi”+ isaan jedhan. 13 Inni garuu, “Isinumti wanta nyaatan kennaafii”+ isaaniin jedhe. Isaanis, “Tarii nyaata namoota kana hundaaf gaʼu dhaqnee yoo binne malee, daabboo shanii fi qurxummii lamaan alatti homaa hin qabnu” isaan jedhan. 14 Namoonni kunis gara dhiirota 5,000 turan. Inni garuu barattoota isaatiin, “Shantama shantama taʼanii tuutaan akka taaʼan godhaa” jedhe. 15 Isaanis akkuma inni jedhe namoota sana hunda teessisan. 16 Yesuusis daabboo shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee gara samii ilaalee eebbise. Erga caccabsee boodas namoota sanaaf akka dhiheessaniif barattoota isaatti kenne. 17 Hundi isaanii nyaatanii quufan; hambaa irraa hafes guuboo 12 walitti qaban.+
-