LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 14:15-21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Yeroo dhihu garuu barattoonni isaa gara isaa dhufanii, “Iddoon isaa bakka namni hin jirre dha, saʼaatiin isaas sokkeera; kanaafuu, namoonni kun gara gandeenii dhaqanii nyaata akka bitatan isaan geggeessi”+ isaan jedhan. 16 Yesuus garuu, “Deemuun isaan hin barbaachisu; isinumti wanta nyaatan kennaafii” isaaniin jedhe. 17 Isaanis, “Daabboo shanii fi qurxummii lama malee homaa hin qabnu” isaan jedhan. 18 Innis, “Isaanuma natti fidaa” jedhe. 19 Achiis namoonni sun marga irra akka tataaʼan ajaje. Daabboo shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee gara samii ilaalaa eebbise;+ daabboo sana erga caccabsee boodas barattoota isaatti kenne; barattoonni isaas namoota sanaaf kennan. 20 Hundi isaanii nyaatanii quufan; isaanis hambaa irraa hafe guuboo 12 guutuu walitti qaban.+ 21 Namoonni nyaatanis, dubartootaa fi ijoollee utuu hin dabalatin dhiirota gara 5,000 turan.+

  • Maarqos 6:35-44
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 35 Yeroo kanatti saʼaatiin sokkee waan tureef, barattoonni isaa gara isaa dhufanii akkana isaan jedhan: “Iddoon kun bakka namni hin jirre dha, saʼaatiin isaas sokkeera.+ 36 Kanaafuu, namoonni kun gara baadiyyaa fi gandeen naannoo kanaa dhaqanii wanta nyaatan akka bitatan isaan geggeessi.”+ 37 Innis deebisee, “Isinumti wanta nyaatan kennaafii” jedhe. Isaanis, “Maarree dhaqnee dinaaree* 200n daabboo binnee namoonni kun akka nyaatan isaaniif kenninuu?”+ isaan jedhan. 38 Innis, “Daabboo meeqa qabdu? Mee dhaqaa ilaalaa!” isaaniin jedhe. Dhaqanii erga ilaalanii booda, “Daabboo shanii fi qurxummii lama”+ isaan jedhan. 39 Achiis namoonni hundi tuuta tuutaan marga lalisaa irra akka tataaʼan ajaje.+ 40 Kanaafuu, isaan dhibba dhibbaa fi shantama shantama taʼanii tuutaan taaʼan. 41 Daabboo shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee gara samii ilaalee eebbise.+ Daabboo sana erga caccabsee boodas namoota sanaaf akka dhiheessaniif barattoota isaatti kenne; qurxummii lamaan sanas namoota sana hundumaatiif hire. 42 Akka kanaan hundi isaanii nyaatanii quufan; 43 isaanis qurxummii sanaan alatti, hambaa irraa hafe guuboo 12 guutuu walitti qaban.+ 44 Namoonni daabboo sana nyaatanis dhiirota 5,000 turan.

  • Yohaannis 6:5-13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Yesuus namoonni hedduun gara isaa yommuu dhufan ol jedhee ilaalee Filiphoosiin, “Daabboo namoonni kun nyaatan eessaa binna?”+ jedhe. 6 Taʼus kana kan dubbate, isa qoruuf malee waan gochuuf jedhu beeka ture. 7 Filiphoosis, “Tokkoon tokkoon isaaniitiif xinnoo xinnoo akka argataniif illee, daabboon dinaaree* 200 iyyuu hin gaʼu” jedhee isaaf deebise. 8 Barattoota isaa keessaa tokko kan taʼe Indiriyaas, obboleessi Simoon Pheexiros akkana isaan jedhe: 9 “Mucaa xinnoon daabboo garbuu shanii fi qurxummii xixinnoo lama qabu tokko as jira. Garuu kun nama hammanaatiif akkamitti gaʼa?”+

      10 Yesuusis, “Namoota tessisaa” jedhe. Bakka sana margi hedduun waan tureef namoonni sun achi tataaʼan; dhiironni achi taaʼanis gara 5,000 turan.+ 11 Yesuusis daabboo sana fuudhee erga galateeffatee booda warra achi tataaʼaniif hire; qurxummii xinnoo sanas akkasuma godhe; isaanis hamma barbaadan fudhatan. 12 Haa taʼu malee, erga namoonni sun nyaatanii quufanii booda, barattoota isaatiin, “Wanti tokko illee akka lafatti hin badneef, hambaa irraa hafe hunda walitti qabaa” jedhe. 13 Isaanis daabboo garbuu shanan isa namoonni sun nyaatan irraa hambaa irraa hafe hunda sassaabanii guuboo 12tti guutan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi