LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 14:14-17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Yeroo bidiruu sana irraa buʼus, namoota hedduu argee baayʼee isaaniif gadde;+ dhukkubsattoota isaan gidduu jiranis ni fayyise.+ 15 Yeroo dhihu garuu barattoonni isaa gara isaa dhufanii, “Iddoon isaa bakka namni hin jirre dha, saʼaatiin isaas sokkeera; kanaafuu, namoonni kun gara gandeenii dhaqanii nyaata akka bitatan isaan geggeessi”+ isaan jedhan. 16 Yesuus garuu, “Deemuun isaan hin barbaachisu; isinumti wanta nyaatan kennaafii” isaaniin jedhe. 17 Isaanis, “Daabboo shanii fi qurxummii lama malee homaa hin qabnu” isaan jedhan.

  • Maarqos 6:35-38
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 35 Yeroo kanatti saʼaatiin sokkee waan tureef, barattoonni isaa gara isaa dhufanii akkana isaan jedhan: “Iddoon kun bakka namni hin jirre dha, saʼaatiin isaas sokkeera.+ 36 Kanaafuu, namoonni kun gara baadiyyaa fi gandeen naannoo kanaa dhaqanii wanta nyaatan akka bitatan isaan geggeessi.”+ 37 Innis deebisee, “Isinumti wanta nyaatan kennaafii” jedhe. Isaanis, “Maarree dhaqnee dinaaree* 200n daabboo binnee namoonni kun akka nyaatan isaaniif kenninuu?”+ isaan jedhan. 38 Innis, “Daabboo meeqa qabdu? Mee dhaqaa ilaalaa!” isaaniin jedhe. Dhaqanii erga ilaalanii booda, “Daabboo shanii fi qurxummii lama”+ isaan jedhan.

  • Luqaas 9:12, 13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Guyyichis dhihuu jala gaʼee ture. Warri Kudha Lamaan sunis gara isaa dhufanii, “Iddoon jirru kun bakka namni hin jirre dha; kanaafuu, namoonni kun gara gandootaa fi baadiyyaa naannoo kana jiran dhaqanii bakka bulanii fi nyaata akka barbaaddatan isaan geggeessi”+ isaan jedhan. 13 Inni garuu, “Isinumti wanta nyaatan kennaafii”+ isaaniin jedhe. Isaanis, “Tarii nyaata namoota kana hundaaf gaʼu dhaqnee yoo binne malee, daabboo shanii fi qurxummii lamaan alatti homaa hin qabnu” isaan jedhan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi