LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 14:19-21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Achiis namoonni sun marga irra akka tataaʼan ajaje. Daabboo shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee gara samii ilaalaa eebbise;+ daabboo sana erga caccabsee boodas barattoota isaatti kenne; barattoonni isaas namoota sanaaf kennan. 20 Hundi isaanii nyaatanii quufan; isaanis hambaa irraa hafe guuboo 12 guutuu walitti qaban.+ 21 Namoonni nyaatanis, dubartootaa fi ijoollee utuu hin dabalatin dhiirota gara 5,000 turan.+

  • Maarqos 6:39-44
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 39 Achiis namoonni hundi tuuta tuutaan marga lalisaa irra akka tataaʼan ajaje.+ 40 Kanaafuu, isaan dhibba dhibbaa fi shantama shantama taʼanii tuutaan taaʼan. 41 Daabboo shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee gara samii ilaalee eebbise.+ Daabboo sana erga caccabsee boodas namoota sanaaf akka dhiheessaniif barattoota isaatti kenne; qurxummii lamaan sanas namoota sana hundumaatiif hire. 42 Akka kanaan hundi isaanii nyaatanii quufan; 43 isaanis qurxummii sanaan alatti, hambaa irraa hafe guuboo 12 guutuu walitti qaban.+ 44 Namoonni daabboo sana nyaatanis dhiirota 5,000 turan.

  • Luqaas 9:14-17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Namoonni kunis gara dhiirota 5,000 turan. Inni garuu barattoota isaatiin, “Shantama shantama taʼanii tuutaan akka taaʼan godhaa” jedhe. 15 Isaanis akkuma inni jedhe namoota sana hunda teessisan. 16 Yesuusis daabboo shananii fi qurxummii lamaan sana fuudhee gara samii ilaalee eebbise. Erga caccabsee boodas namoota sanaaf akka dhiheessaniif barattoota isaatti kenne. 17 Hundi isaanii nyaatanii quufan; hambaa irraa hafes guuboo 12 walitti qaban.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi