-
Maatewos 17:1-8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Yesuus guyyaa jaʼa booda Pheexiros, Yaaqoobii fi obboleessa Yaaqoob Yohaannisiin kophaa isaanii fudhatee gaara dheeraa tokkotti ol baʼe.+ 2 Achiis inni isaan duratti ni jijjiirame; fuulli isaa akka aduu ife; uffanni isaas akka ifaa calaqqise.*+ 3 Yeroo kanatti, Musee fi Eeliyaas isaa wajjin utuu dubbatanii isaanitti mulʼatan. 4 Achiis Pheexiros Yesuusiin, “Yaa Gooftaa, iddoo kana taʼuun keenya nuuf gaarii dha. Fedhii kee yoo taʼe, asitti dunkaana sadii, tokko siif, tokko Museedhaaf, tokko immoo Eeliyaasiif nan dhaaba” jedhe. 5 Utuma inni dubbachaa jiruu, duumessi ifa of keessaa qabu dhufee isaan haguuge; duumessicha keessaas sagaleen tokko, “Kun Ilma koo isa jaallatamaa, isa ani itti gammadu dha.+ Isa dhagaʼaa”+ jedhe. 6 Barattoonni isaa yommuu kana dhagaʼan baayʼee sodaatanii adda isaaniitiin gombifaman. 7 Achiis Yesuus isaanitti siqee isaan qaqqabuudhaan, “Kaʼaa. Hin sodaatinaa” isaaniin jedhe. 8 Yommuu ol jedhanii ilaalanis, Yesuusiin malee eenyuun iyyuu hin argine.
-
-
Luqaas 9:28-36Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Yesuus kana dubbatee gara guyyaa saddeetii booda, Pheexiros, Yohaannisii fi Yaaqoobiin fudhatee kadhachuudhaaf gaara tokkotti ol baʼe.+ 29 Utuu kadhachaa jiruus fuulli isaa ni jijjiirame; uffanni isaas addaatee calaqqise. 30 Kunoo, namoonni lama isaa wajjin dubbatu turan; isaanis Musee fi Eeliyaas turan. 31 Isaan ulfinaan mulʼatanii waaʼee addunyaa kana dhiisee deemuu isaa, isa Yerusaalemitti raawwatamuuf jiru sanaa dubbachuu jalqaban.+ 32 Yeroo kanatti Pheexirosii fi warri isaa wajjin jiran muganii turan; yommuu guutummaatti dammaqan garuu ulfina isaa+ fi namoonni lamaan sun isaa wajjin dhaabbatanii argan. 33 Yeroo namoonni sun isa biraa deemanis, Pheexiros Yesuusiin, “Barsiisa, iddoo kana taʼuun keenya nuuf gaarii dha. Kanaafuu, dunkaana sadii, tokko siif, tokko Museedhaaf, tokko immoo Eeliyaasiif haa dhaabnu” jedhe. Inni wanta dubbatu hin beeku ture. 34 Haa taʼu malee, utuma inni wantoota kana dubbachaa jiruu, duumessi tokko dhufee isaan haguuguu jalqabe. Yommuu duumessichi isaan haguugus baayʼee sodaatan. 35 Achiis duumessicha keessaa sagaleen,+ “Kun Ilma koo isa ani filadhe dha.+ Isa dhagaʼaa”+ jedhu tokko ni dhufe. 36 Yommuu sagalichi dhagaʼamettis Yesuus kophaa isaa taʼee argan. Taʼus, isaan ni callisan malee wantoota argan sana ilaalchisee yeroo sanatti eenyutti iyyuu homaa hin dubbanne.+
-