-
Leewwota 14:3, 4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Lubichi buufatichaa alatti baʼee isa ni qora. Namichi dhukkuba nadaayii sana irraa yoo fayye, 4 lubichi namichi of qulqulleessuuf simbirroota qulqulluu taʼan lama, muka gaattiraa, foʼaa diimaa fi hiisoophii akka fidu isa ajaja.+
-
-
Leewwota 14:10, 11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 “Guyyaa saddeettaffaattis xobbaallaa hoolaa mudaa hin qabne lama, xobbaallaa hoolaa goromtii mudaa hin qabne+ gara waggaa tokkoo taate takka, aarsaa midhaanii+ akka taʼuufis daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harka sadii* fi zayitii safartuu loogii* tokko ni fudhata;+ 11 lubichi inni namichi of qulqulleessu sun qulqulluu akka taʼe labsu, namicha sana aarsaawwan sanaa wajjin balbala dunkaana walgaʼii irratti Yihowaa duratti dhiheessa.
-