LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 22:23-28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Guyyuma sana, Saduuqonni warri duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan+ gara isaa dhufanii akkana jedhanii isa gaafatan:+ 24 “Barsiisaa, Museen, ‘Namni tokko utuu dhala hin godhatin yoo duʼe, obboleessi isaa haadha manaa namichaa fuudhee inni sanyii akka qabaatu haa godhu’+ jedhee ture. 25 Obbolaan torba nu bira jiru turan. Inni jalqabaa haadha manaa fuudhee utuu dhala hin godhatin waan duʼeef, obboleessi isaa ishii fuudhe. 26 Inni lammaffaan, inni sadaffaan, hamma isa torbaffaatti ishii fuudhanii utuu dhala hin godhatin duʼan. 27 Hunduma isaanii boodas dubartittiin ni duute. 28 Egaa, hundi isaanii ishii fuudhanii waan turaniif, yeroo duʼaa kaʼuutti torban isaanii keessaa haadha manaa isa kamii taati?”

  • Luqaas 20:27-33
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Haa taʼu malee, Saduuqota warra duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan+ keessaa tokko tokko dhufanii akkana jedhanii isa gaafatan:+ 28 “Barsiisaa, Museen, ‘Obboleessi nama tokkoo utuu dhala hin godhatin haadha manaa isaa dhiisee yoo duʼe, obboleessi isaa ishii fuudhee inni sanyii akka qabaatu haa godhu’+ jedhee nuu barreesseera. 29 Obbolaan torba jiru turan. Inni jalqabaa haadha manaa fuudhee utuu dhala hin godhatin duʼe. 30 Kanaafuu, inni lammaffaan, 31 achiis inni sadaffaan ishii fuudhan. Akka kanaan torban isaanii iyyuu ishii fuudhanii utuu dhala hin godhatin duʼan. 32 Dhuma irrattis dubartittiin ni duute. 33 Kanaafuu, torban isaanii ishii fuudhanii waan turaniif, yeroo duʼaa kaʼuutti haadha manaa isa kamii taati?”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi