-
Maatewos 22:23-28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Guyyuma sana, Saduuqonni warri duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan+ gara isaa dhufanii akkana jedhanii isa gaafatan:+ 24 “Barsiisaa, Museen, ‘Namni tokko utuu dhala hin godhatin yoo duʼe, obboleessi isaa haadha manaa namichaa fuudhee inni sanyii akka qabaatu haa godhu’+ jedhee ture. 25 Obbolaan torba nu bira jiru turan. Inni jalqabaa haadha manaa fuudhee utuu dhala hin godhatin waan duʼeef, obboleessi isaa ishii fuudhe. 26 Inni lammaffaan, inni sadaffaan, hamma isa torbaffaatti ishii fuudhanii utuu dhala hin godhatin duʼan. 27 Hunduma isaanii boodas dubartittiin ni duute. 28 Egaa, hundi isaanii ishii fuudhanii waan turaniif, yeroo duʼaa kaʼuutti torban isaanii keessaa haadha manaa isa kamii taati?”
-
-
Maarqos 12:18-23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Saduuqonni warri duʼaa kaʼuun hin jiru jedhanis+ gara isaa dhufanii akkana jedhanii isa gaafatan:+ 19 “Barsiisaa, Museen obboleessi nama tokkoo utuu dhala hin godhatin haadha manaa isaa dhiisee yoo duʼe, obboleessi isaa ishii fuudhee inni sanyii akka qabaatu akka godhu nuu barreesseera.+ 20 Obbolaan torba jiru turan. Inni jalqabaa haadha manaa fuudhee utuu dhala hin godhatin duʼe. 21 Inni lammaffaanis ishii fuudhee utuu dhala hin godhatin duʼe; inni sadaffaanis akkasuma. 22 Torban isaanii iyyuu utuu dhala hin godhatin duʼan. Hunduma isaanii boodas dubartittiin ni duute. 23 Egaa torban isaanii ishii fuudhanii waan turaniif, yeroo duʼaa kaʼuutti haadha manaa isa kamii taati?”
-