LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Baʼuu 4:12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Kanaafuu, amma deemi; ani yommuu dubbattu sii wajjin nan taʼa;* maal akka jettus sin barsiisa.”+

  • Maatewos 10:19, 20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Haa taʼu malee, wanti dubbattan saʼaatii sanatti waan isinii kennamuuf, yeroo dabarsanii isin kennan akkamitti dubbanna yookiin maal dubbanna jettanii hin yaaddaʼinaa.+ 20 Hafuura Abbaa keessaniitu karaa keessan dubbata malee, kan dubbatu isin qofa miti.+

  • Luqaas 12:11, 12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Yeroo yaaʼii uummataa,* abbootii taayitaa mootummaa fi warra aangoo qaban duratti isin dhiheessan akkamitti yookiin maal jennee falmanna yookiin maal dubbanna jettanii hin yaaddaʼinaa;+ 12 sababiin isaas, hafuurri qulqulluun saʼaatii sanatti wantoota dubbachuu qabdan isin barsiisa.”+

  • Luqaas 21:14, 15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Kanaafuu, akkamitti akka falmattan dursitanii qophaaʼuun akka isin hin barbaachisne garaa keessanitti qabadhaa;+ 15 sababiin isaas, ani dubbii fi ogummaa mormitoonni keessan hundi dura dhaabbachuu yookiin falmuu hin dandeenye+ isiniif nan kenna.

  • Hojii Ergamootaa 4:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Yeroo kanatti Pheexiros hafuura qulqulluudhaan guutamee+ akkana isaaniin jedhe:

      “Yaa bulchitootaa fi maanguddoota sabaa,

  • Hojii Ergamootaa 6:9, 10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Haa taʼu malee, namoonni garee Mana Sagadaa Namoota Bilisoomanii jedhamu irraa dhufan tokko tokko, namoota Qareenaa, Iskindiriyaa, Kiilqiyaa fi Eeshiyaadhaa dhufan tokko tokkoo wajjin taʼuudhaan Isxifaanosiin falmuu jalqaban. 10 Taʼus, isaan ogummaa fi hafuura inni ittiin dubbatu falmuu hin dandeenye.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi