-
Maatewos 26:14-16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Sana booda warra Kudha Lamaan keessaa tokko kan taʼe Yihudaan inni Asqoroticha+ jedhamu gara dura buutota lubootaa dhaqee,+ 15 “Yoon isa dabarsee isinitti kenne+ maal naa kennitu?” isaaniin jedhe. Isaanis saantima meetii 30+ isaaf kennuuf waadaa galan. 16 Kanaafuu, yeroo sanaa kaasee dabarsee isa kennuuf carraa gaarii barbaaduu jalqabe.
-
-
Luqaas 22:3-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Yeroo kanatti Seexanni, Yihudaa isa Asqoroticha jedhamuu fi warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼee lakkaaʼametti gale;+ 4 innis akkamitti dabarsee isaanitti akka isa kennu, dhaqee dura buutota lubootaa fi dura buutota eegdota mana qulqullummaa wajjin mariʼate.+ 5 Isaanis kanatti gammadanii maallaqa meetii isaaf kennuuf walii galan.+ 6 Kanaafuu, inni kanatti walii galee bakka namoonni hedduun hin jirretti dabarsee isa kennuuf carraa gaarii barbaaduu jalqabe.
-