LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 6:9, 10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  9 Innis akkana jedhee naaf deebise: “Dhaqiitii saba kanaan akkana jedhi:

      ‘Isin irra deddeebitanii ni dhageessu,

      Garuu hin hubattan;

      Irra deddeebitanii ni argitu,

      Garuu beekumsa tokko illee hin argattan.’+

      10 Isaan ija isaaniitiin akka hin argineef,

      Gurra isaaniitiinis akka hin dhageenyeef,

      Garaan isaanii akka hin hubanneef,+

      Isaanis gara kootti akka hin deebinee fi akka hin fayyineef,

      Garaan saba kanaa didaa akka taʼu,

      Gurri isaaniis duudaa akka taʼu godhi;+

      Ija isaaniis walitti fayyisi.”

  • Maatewos 13:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Isaan ni ilaalu, garuu hin argan; ni dhagaʼu, garuu akkasumaan dhagaʼu malee ergaa isaa hin hubatan;+ ani fakkeenyaan kanan isaanitti dubbadhu kanaafi. 14 Kanaafuu, raajiin Isaayyaas akkana jedhee dubbate isaan irratti raawwatamaa jira: ‘Isin dhagaʼuu ni dhageessu, garuu matumaa ergaa isaa hin hubattan; ilaaluu ni ilaaltu, garuu matumaa hin argitan.+

  • Yohaannis 12:40
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 40 “Isaan ija isaaniitiin arganii, garaa isaaniitiin hubatanii, akka hin deebinee fi akkan isaan hin fayyisnetti, inni ija isaanii jaamseera; garaan isaaniis didaa akka taʼu godheera.”+

  • Hojii Ergamootaa 28:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 akkana jedhe: ‘Gara saba kanaa dhaqiitii akkana jedhi: “Isin dhagaʼuu ni dhageessu, garuu matumaa ergaa isaa hin hubattan; ilaaluu ni ilaaltu, garuu matumaa hin argitan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi