-
Maatewos 4:24, 25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Oduun waaʼee isaa dubbatamus guutummaa Sooriyaa keessatti babalʼate; isaanis namoota dhukkubaa fi waraansa adda addaatiin dhiphatan,+ warra jinniidhaan qabaman,+ warra gaggabdoo+ qabanii fi warra lamshaaʼan hundumaa gara isaatti fidan; innis isaan fayyise. 25 Kanaan kan kaʼes, namoonni hedduun Galiilaa, Dikaapoolis,* Yerusaalem, Yihudaa fi Yordaanos gama irraa dhufan isa duukaa ni buʼan.
-
-
Maarqos 3:7, 8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Yesuus garuu barattoota isaa wajjin gara galaanichaa dhaqe; namoonni Galiilaa fi Yihudaadhaa dhufan hedduunis isa duukaa buʼan.+ 8 Wantoota hedduu inni hojjete yommuu dhagaʼan, Yerusaalemii fi Edoomiyaa irraa, akkasumas Yordaanos gama, naannoo Xiirosii fi Siidoon irraa illee namoonni hedduun gara isaa ni dhufan.
-