-
Maatewos 9:10-13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Boodas, Yesuus mana Maatewositti utuu maaddiitti dhihaatee jiruu, namoonni qaraxa sassaabanii fi cubbamoonni hedduun dhufanii isaa fi barattoota isaa wajjin nyaachuu* jalqaban.+ 11 Fariisonni garuu yommuu kana argan, barattoota isaatiin, “Barsiisaan keessan maaliif warra qaraxa sassaabanii fi cubbamootaa wajjin nyaata?”+ jedhan. 12 Yesuus wanta isaan jedhan dhagaʼee akkana jedhe: “Namoota dhukkubsataniif malee, namoota fayyaadhaaf ogeessi fayyaa hin barbaachisu.+ 13 Kanaafuu dhaqaa, ‘Ani aarsaa utuu hin taʼin gara laafinan barbaada’+ jechuun maal jechuu akka taʼe hubadhaa. Sababiin isaas, ani qajeelota utuu hin taʼin, cubbamoota waamuufan dhufe.”
-
-
Maarqos 2:15-17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Boodas utuu inni mana Leewwiitti maaddiitti dhihaatee jiruu, namoonni qaraxa sassaabanii fi cubbamoonni hedduun Yesuusii fi barattoota isaa wajjin maaddiitti dhihaatan; sababiin isaas, isaan keessaa hedduun isaanii isa duukaa buʼaa turan.+ 16 Haa taʼu malee, barsiisonni seeraa Fariisota taʼan yeroo inni cubbamootaa fi warra qaraxa sassaabanii wajjin nyaatu arganii barattoota isaatiin, “Inni akkamitti warra qaraxa sassaabanii fi cubbamootaa wajjin nyaata?” jechuu jalqaban. 17 Yesuus kana yommuu dhagaʼu, “Namoota dhukkubsataniif malee, namoota fayyaadhaaf ogeessi fayyaa hin barbaachisu. Ani namoota qajeeloo utuu hin taʼin, cubbamoota waamuufan dhufe”+ isaaniin jedhe.
-