LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 8:28, 29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Galaanicha gamatti ceʼee naannoo Gadaareensi yommuu gaʼu, namoonni jinniidhaan qabaman lama awwaala* gidduudhaa baʼanii isatti dhufan.+ Isaan baayʼee waan nama sodaachisaniif, eenyu iyyuu onnatee karaa sana irra hin darbu ture. 29 Isaanis, “Yaa Ilma Waaqayyoo, nuyii fi ati maal wal irraa qabna?+ Yeroon murteeffame sun utuu hin gaʼin nu dhiphisuuf+ dhuftee?” jedhanii iyyan.+

  • Maarqos 5:2-10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Akkuma Yesuus bidiricha irraa buʼeenis, namichi hafuura xuraaʼaadhaan qabame tokko awwaala* gidduudhaa baʼee isatti dhufe. 3 Namichi kun awwaala gidduu jiraata ture; hanga yeroo sanaatti namni funcaadhaan isa hidhuu dandaʼe tokko illee hin turre. 4 Yeroo baayʼee hidhaa sibiilaa fi funcaadhaan hidhama ture; inni garuu funcaa sana ni kukkuta, hidhaa sibiilaa sanas ni caccabsa ture; namni toʼannaa jala isa oolchuuf humna qabu tokko illee hin jiru ture. 5 Yeroo hunda halkanii fi guyyaa bakka awwaalaa gidduuttii fi gaarota irratti ni iyya; dhagaadhaanis of mummura ture. 6 Yeroo Yesuusiin fagootti argu garuu, fiigee dhufee isaaf sagade.+ 7 Achiis sagalee guddaadhaan iyyee, “Yaa Yesuus Ilma Waaqa Isa Hundaa Olii, anii fi ati maal wal irraa qabna? Akka na hin dhiphisne maqaa Waaqayyootiin sin kakachiisa”+ jedhe. 8 Akkana kan jedhes Yesuus, “Hafuura+ xuraaʼaa nana, nama kana keessaa baʼi” waan jedheef ture. 9 Haa taʼu malee Yesuus, “Maqaan kee eenyu?” jedhee isa gaafate. Innis, “Nuti baayʼee waan taaneef, maqaan koo Leegewooni” jedhee deebise. 10 Innis Yesuus hafuurota sana biyyattii keessaa akka hin ariine cimsee isa kadhate.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi