-
Maarqos 9:31, 32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Sababiin isaas, inni barattoota isaa barsiisuu barbaadee ture; inni, “Ilmi namaa harka namootaatti dabarfamee ni kennama; isaanis isa ni ajjeesu;+ garuu kan ajjeefamu taʼus guyyaa sadii booda duʼaa ni kaʼa”+ jedhee isaanitti himaa ture. 32 Isaan garuu wanta inni dubbate hin hubanne; isa gaafachuus ni sodaatan.
-
-
Luqaas 18:31-33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Achiis warra Kudha Lamaan kophaatti baasee akkana isaaniin jedhe: “Kunoo, gara Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; wanti Ilma namaa ilaalchisee karaa raajotaa barreeffame hundi ni raawwatama.+ 32 Fakkeenyaaf, inni saboota kaaniitti dabarfamee ni kennama,+ itti qoosama,+ rakkinni irra gaʼa, akkasumas itti tufama.+ 33 Erga isa garafanii booda isa ajjeesu;+ guyyaa sadaffaatti garuu duʼaa ni kaʼa.”+
-