-
Maatewos 16:21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Yesuus yeroo sanaa jalqabee, gara Yerusaalem dhaquu akka qabu, maanguddoonni, dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa dhiphina guddaa akka isa irra geessisan, akka ajjeefamuu fi guyyaa sadaffaatti duʼaa akka kaafamu+ barattoota isaatiif ibsuu jalqabe.
-
-
Maatewos 20:17-19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Gara Yerusaalemitti utuu ol baʼaa jiranii, Yesuus barattoota isaa 12n kophaatti baasee karaa irratti akkana isaaniin jedhe:+ 18 “Kunoo, gara Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi namaas dura buutota lubootaa fi barsiisota seeraatti dabarfamee ni kennama. Isaanis duʼa isatti murteessu.+ 19 Akkasumas, akka isatti qoosan, akka isa garafanii fi muka irratti akka isa fannisaniif+ saboota kaanitti dabarsanii isa kennu; achiis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaafama.”+
-
-
Maarqos 10:32-34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
32 Isaan karaa gara Yerusaalemitti geessu irra yeroo ol baʼaa turanitti Yesuus isaan dura deemaa ture; isaan baayʼee dinqisiifatanii kan turan yeroo taʼu, warri isa duukaa buʼan garuu ni sodaatan. Inni ammas warra Kudha Lamaan kophaatti baasee akkana jedhee wantoota isa irra gaʼuuf jiran isaanitti himuu jalqabe:+ 33 “Kunoo, gara Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi namaas dura buutota lubootaa fi barsiisota seeraatti dabarfamee ni kennama. Isaan duʼa isatti murteessu, saboota kaanittis dabarsanii isa kennu. 34 Isatti qoosu, isatti tufu, isa garafu, akkasumas isa ajjeesu; guyyaa sadii booda garuu duʼaa ni kaʼa.”+
-