-
Maatewos 23:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 “Barsiisota seeraa fi Fariisota fakkeessitoota nana, isiniif wayyoo! Isin balbala Mootummaa samii namootatti cuftu; ofii keessanii itti hin galtan, warra itti galuuf dhufanis ni dhowwitu.+
-
-
1 Tasalonqee 2:14-16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Yaa obbolootaa, isin fakkeenya gumiiwwan Waaqayyoo warra Kiristoos Yesuusii wajjin tokkummaa qabanii fi Yihudaa keessa jiranii hordoftaniittu; sababiin isaas, akkuma namoota biyya keessanii irraa rakkinni isin irra gaʼe,+ isaanis Yihudoota irraa rakkinni isaan irra gaʼaa jira; 15 Yihudoonni Gooftaa Yesuusii fi raajota illee ajjeesaniiru;+ nuunis ariʼataniiru.+ Kana malees, isaan Waaqayyoon gammachiisaa hin jiran; kanaa mannaa, wanta namoota hundumaa fayyadu mormu; 16 kanas kan godhan, saboonni kaan akka fayyaniif akka nuti isaaniif hin lallabne nu dhowwuuf yaaluudhaani.+ Isaan yeroo hunda karaa kanaan safartuu cubbuu isaanii ni guutu. Dhuma irratti garuu dheekkamsi isaa isaanitti ni dhufa.+
-