-
1 Ximotewos 6:17-19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Warri sirna* ammaa keessatti sooreyyii taʼan, akka of hin tuulle, akkasumas abdii isaanii badhaadhina hin amansiisne+ irra utuu hin taʼin, Waaqa isa wantoota itti gammannu hunda baayʼinaan nuu kennu+ irra akka kaaʼatan ajaji. 18 Wanta gaarii akka hojjetan, hojii gaariidhaan badhaadhota akka taʼan, arjoota akka taʼanii fi warra kaaniif hiruuf qophaaʼoo akka taʼan,+ 19 akkasumas jireenya isa dhugaa jabeessanii qabachuu+ akka dandaʼaniif, ofii isaaniitiif qabeenya Waaqayyo biraa argamu walitti qabachuudhaan gara fuulduraatiif buʼuura gaarii akka kaaʼatan+ itti himi.
-