-
Luqaas 24:25-27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Kanaafuu, inni akkana isaaniin jedhe: “Isin warra hubannaa hin qabnee fi garaan keessan wanta raajonni dubbatan hunda dafee hin hubanne nana! 26 Kiristoos dhiphinni kun hundi isa irra gaʼuun isaa+ fi gara ulfina isaatti galuun isaa+ barbaachisaa hin turree?” 27 Achiis Musee fi Raajota+ hunda irraa jalqabee wantoota Kitaabota Qulqulluu hunda keessatti waaʼee isaa dubbataman isaaniif ibsuu jalqabe.
-