LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 14:2-4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 “Seerri namni dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko qulqullaaʼuu isaa mirkaneessuuf guyyaa gara lubichaatti geeffamutti hordofamuu qabu kana dha.+ 3 Lubichi buufatichaa alatti baʼee isa ni qora. Namichi dhukkuba nadaayii sana irraa yoo fayye, 4 lubichi namichi of qulqulleessuuf simbirroota qulqulluu taʼan lama, muka gaattiraa, foʼaa diimaa fi hiisoophii akka fidu isa ajaja.+

  • Keessa Deebii 24:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 “Dhukkubni nadaayii* yommuu kaʼu, wanta luboonni Leewwota taʼan isin ajajan hundumaa of eeggannoodhaan raawwadhaa.+ Wantuma ani isaan ajaje of eeggannoodhaan raawwadhaa.

  • Maatewos 8:3, 4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Kanaafuu, inni harka isaa diriirsee isa qaqqabee, “Nan fedha! Fayyi!”*+ isaan jedhe. Namichis yeruma sana dhukkuba nadaayii sana irraa fayye.*+ 4 Achiis Yesuus, “Eenyutti iyyuu akka hin himne of eeggadhu;+ garuu dhaqiitii lubichatti of argisiisi;+ isaaniif ragaa akka taʼuttis akkuma Museen ajajetti kennaa dhiheessi”+ isaan jedhe.

  • Luqaas 5:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Kanaafuu, inni harka isaa diriirsee isa qaqqabee, “Nan fedha! Fayyi!”* isaan jedhe. Yeruma sanas dhukkubni nadaayii sun isa irraa bade.+ 14 Yesuusis eenyutti iyyuu akka hin himne namicha ajaje. Achiis, “Garuu dhaqiitii lubichatti of argisiisi. Isaaniif ragaa akka taʼuttis akkuma Museen ajajetti+ qulqullaaʼuu keetiif kennaa dhiheessi”+ isaan jedhe.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi