-
Leewwota 14:2-4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 “Seerri namni dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko qulqullaaʼuu isaa mirkaneessuuf guyyaa gara lubichaatti geeffamutti hordofamuu qabu kana dha.+ 3 Lubichi buufatichaa alatti baʼee isa ni qora. Namichi dhukkuba nadaayii sana irraa yoo fayye, 4 lubichi namichi of qulqulleessuuf simbirroota qulqulluu taʼan lama, muka gaattiraa, foʼaa diimaa fi hiisoophii akka fidu isa ajaja.+
-
-
Leewwota 14:10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 “Guyyaa saddeettaffaattis xobbaallaa hoolaa mudaa hin qabne lama, xobbaallaa hoolaa goromtii mudaa hin qabne+ gara waggaa tokkoo taate takka, aarsaa midhaanii+ akka taʼuufis daakuu bullaaʼaa zayitiidhaan makame eefaa tokko keessaa harka kudhan keessaa harka sadii* fi zayitii safartuu loogii* tokko ni fudhata;+
-