-
Maatewos 21:23-27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Gara mana qulqullummaatti erga seenee booda, utuu inni barsiisaa jiruu dura buutonni lubootaa fi maanguddoonni sabichaa gara isaa dhufanii, “Aangoo maaliitiin wantoota kana hojjetta? Aangoo kana kan sii kenne hoo eenyu?”+ isaan jedhan. 24 Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Mee anis wanta tokkon isin gaafadha. Isin yoo naa deebistan, anis aangoo maaliitiin wantoota kana akkan hojjedhu isinitti nan hima: 25 Cuuphaan Yohaannis maddi isaa eessa irraa ti? Samii irraa moo nama irraa ti?” Isaan garuu akkana jedhanii walitti dudubbachuu jalqaban: “‘Samii irraa ti’ yoo jenne, ‘Maaliif isa hin amanne ree?’+ nuun jedha. 26 ‘Nama biraa ti’ yoo jenne garuu, namoonni hundi Yohaannisiin akka raajiitti waan ilaalaniif isaan sodaanna.” 27 Kanaafuu isaan, “Hin beeknu” jedhanii Yesuusiif deebisan. Innis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Anis wantoota kana aangoo maaliitiin akkan hojjedhu isinitti hin himu.
-
-
Maarqos 11:27-33Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Ammas isaan gara Yerusaalem dhufan. Utuu inni mana qulqullummaa keessa deemaa jiruus, dura buutonni lubootaa, barsiisonni seeraa fi maanguddoonni dhufanii, 28 “Aangoo maaliitiin wantoota kana hojjetta? Yookiin wantoota kana akka hojjettu aangoo kan siif kenne eenyu?”+ isaan jedhan. 29 Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Mee anis gaaffii tokkon isin gaafadha. Isinis naa deebisaa, anis aangoo maaliitiin wantoota kana akkan hojjedhu isinitti nan hima. 30 Cuuphaan Yohaannis+ samii irraa moo nama biraa dhufe?* Naa deebisaa.”+ 31 Kanaafuu, isaan akkana jedhanii walitti dudubbachuu jalqaban: “‘Samii irraa ti’ yoo jenne, ‘Maaliif isa hin amanne ree?’ nuun jedha. 32 Garuu ijuma jabaannee, ‘Nama biraa ti’ jennuu laata?” Taʼus, namoonni sun hundi Yohaannisiin akka raajiitti waan ilaalaniif namoota sana sodaatan.+ 33 Kanaafuu isaan, “Hin beeknu” jedhanii Yesuusiif deebisan. Yesuusis, “Anis wantoota kana aangoo maaliitiin akkan hojjedhu isinitti hin himu” isaaniin jedhe.
-