-
1 Seenaa Baraa 24:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Akkuma Yihowaan Waaqni Israaʼel abbaa isaanii Aaroniin ajajetti, yommuu gara mana Yihowaatti seenan akkaataa itti gaafatamummaa tajaajila+ isaanii itti raawwatan ilaalchisee qajeelfamni inni kenne kana ture.
-
-
2 Seenaa Baraa 8:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Dabalataanis inni akka seera abbaan isaa Daawit kennetti tajaajila isaaniitiif gareewwan lubootaa ni muude;+ akkasumas akkuma barsiifata guyyaa guyyaadhaan turetti isaan luboota duratti Waaqayyoon akka jajatanii+ fi akka tajaajilaniif gareewwan Leewwotaa iddoo hojii isaanii irratti ni muude; karra eegdotas akka garee garee isaaniitti karrawwan adda addaa irratti ni ramade;+ kunis ajaja Daawit inni nama Waaqa dhugaa taʼe sun kenne ture.
-
-
2 Seenaa Baraa 31:2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Sana booda Hisqiyaas aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan gamtaa akka dhiheessaniif, akkasumas karra mooraawwan* Yihowaa keessatti akka isa tajaajilaniif, akka galata isaaf galchanii fi akka isa jajataniif+ luboota akka garee garee isaaniitti,+ Leewwotas akka garee garee isaaniitti+ ni muude; tokkoon tokkoon lubootaa fi Leewwotaas tajaajila isaaniitiif ni muude.+
-