-
Yohaannis 13:3-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Kanaafuu, Yesuus Abbaan wanta hunda harka isaatti dabarsee akka kenne, inni Waaqayyo biraa akka dhufee fi gara Waaqayyoo akka dhaqu waan beekeef,+ 4 irbaata irraa kaʼee uffata isa irraan uffatu lafa kaaʼe. Fooxaa fudhatees mudhii isaatti hidhate.+ 5 Sana booda qodaa dhiqataatti bishaan naqatee, miila barattoota isaa dhiquu fi fooxaa mudhiitti hidhate sanaan qoorsuu jalqabe.
-