-
Maatewos 26:69-75Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
69 Yeroo kanatti Pheexiros mooraa keessa ala taaʼee ture; tajaajiltuun takkas gara isaa dhuftee, “Atis Yesuus namicha Galiilaa sanaa wajjin turte!”+ isaan jette. 70 Inni garuu, “Ani wanta ati dubbachaa jirtu kana hin beeku” jedhee hunduma isaanii duratti gane. 71 Yommuu inni gara balbala mooraa sanaa deemus shamarreen kan biraan isa argitee, “Namichi kun Yesuus nama Naazireet sanaa wajjin ture”+ jettee warra achi jiranitti himte. 72 Ammas, “Ani namicha kana hin beeku!” jedhee kakachuudhaan gane. 73 Yeroo muraasa boodas, namoonni naannoo sana dhaabbatan gara Pheexiros dhufanii, “Atis dhuguma iyyuu isaan keessaa tokko dha; akkaataan dubbii kee* iyyuu si saaxila” isaan jedhan. 74 Yeroo kanatti Pheexiros, “Ani namicha kana hin beeku!” jedhee of abaaruu fi kakachuu jalqabe. Yeruma sanas kormaan indaaqqoo ni iyye. 75 Pheexirosis, Yesuus, “Kormaan indaaqqoo iyyuu isaa dura, siʼa sadii na ganta”+ jedhee akka ture yaadate. Achiis gad baʼee hirqinfatee booʼe.
-
-
Maarqos 14:66-72Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
66 Pheexiros mooraa keessa karaa gadii utuu jiruu, shamarran tajaajiltoota luba ol aanaa taʼan keessaa tokko gara isaa dhufte.+ 67 Ishiin Pheexiros utuu ibidda qaqqaammatuu isa argitee, hubattee isa ilaalaa, “Atis Yesuus nama Naazireet kanaa wajjin turte!” jette. 68 Inni garuu, “Ani isa hin beeku; wanti ati dubbachaa jirtus naaf hin galle” jedhee gane; achiis gara karrichaa* dhaqe. 69 Achittis tajaajiltuun sun isa argitee ammas warra achi dhaabbataniin, “Inni kunis isaan keessaa tokko dha” jette. 70 Inni ammas ni gane. Yeroo muraasa boodas, warri achi dhaabbatan ammas Pheexirosiin, “Ati nama Galiilaa waan taateef, dhuguma iyyuu isaan keessaa tokko dha” jedhan. 71 Inni garuu, “Ani namicha isin jettan kana hin beeku!” jedhee of abaaruu fi kakachuu jalqabe. 72 Yeruma sanas kormaan indaaqqoo siʼa lammaffaa iyye;+ Pheexirosis Yesuus, “Kormaan indaaqqoo siʼa lama iyyuu isaa dura, siʼa sadii na ganta”+ isaan jedhee akka ture yaadate. Achiis of toʼachuu dadhabee hirqinfatee booʼuu jalqabe.
-
-
Yohaannis 18:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Yeroon isaa qorra waan tureef, garboonnii fi eegdonni, ibidda cilee qabsiisanitti marsanii dhaabbatanii qaqqaammatu turan. Pheexirosis isaanii wajjin dhaabbatee qaqqaammata ture.
-