-
Maarqos 14:66-72Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
66 Pheexiros mooraa keessa karaa gadii utuu jiruu, shamarran tajaajiltoota luba ol aanaa taʼan keessaa tokko gara isaa dhufte.+ 67 Ishiin Pheexiros utuu ibidda qaqqaammatuu isa argitee, hubattee isa ilaalaa, “Atis Yesuus nama Naazireet kanaa wajjin turte!” jette. 68 Inni garuu, “Ani isa hin beeku; wanti ati dubbachaa jirtus naaf hin galle” jedhee gane; achiis gara karrichaa* dhaqe. 69 Achittis tajaajiltuun sun isa argitee ammas warra achi dhaabbataniin, “Inni kunis isaan keessaa tokko dha” jette. 70 Inni ammas ni gane. Yeroo muraasa boodas, warri achi dhaabbatan ammas Pheexirosiin, “Ati nama Galiilaa waan taateef, dhuguma iyyuu isaan keessaa tokko dha” jedhan. 71 Inni garuu, “Ani namicha isin jettan kana hin beeku!” jedhee of abaaruu fi kakachuu jalqabe. 72 Yeruma sanas kormaan indaaqqoo siʼa lammaffaa iyye;+ Pheexirosis Yesuus, “Kormaan indaaqqoo siʼa lama iyyuu isaa dura, siʼa sadii na ganta”+ isaan jedhee akka ture yaadate. Achiis of toʼachuu dadhabee hirqinfatee booʼuu jalqabe.
-
-
Luqaas 22:54-62Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
54 Achiis isa qabanii fuudhanii deeman;+ gara mana luba ol aanaattis isa geessan; Pheexiros garuu irraa fagaatee isa duukaa buʼa ture;+ 55 Yeroo isaan mooraa sana walakkaatti ibidda qabsiisanii waliin taaʼan, Pheexirosis isaan gidduu taaʼee ture.+ 56 Haa taʼu malee, tajaajiltuun takka utuu inni ibidda qaqqaammatuu hubattee isa ilaaltee, “Namichi kunis isaa wajjin ture” jette. 57 Inni garuu, “Dubartii nana, ani isa hin beeku” jedhee gane. 58 Yeroo muraasa boodas namni kan biraan tokko isa argee, “Atis isaan keessaa tokko dha” jedhe. Pheexiros garuu “Namicha nana, ani isaan keessaa tokko miti”+ jedhe. 59 Gara saʼaatii tokkoo boodas namni kan biraan tokko, “Inni nama Galiilaa waan taʼeef, dhuguma namichi kun isaa wajjin ture!” jedhee cimsee dubbachuu jalqabe. 60 Pheexiros garuu, “Namicha nana, ani wanta ati dubbachaa jirtu hin beeku” jedhe. Utuma inni kana dubbachaa jiruu yeruma sana kormaan indaaqqoo ni iyye. 61 Yeroo kanatti Gooftaan garagalee Pheexirosiin ilaale; Pheexirosis wanta Gooftaan, “Harʼa kormaan indaaqqoo iyyuu isaa dura, siʼa sadii na ganta” jedhee isatti dubbate sana yaadate.+ 62 Achiis gad baʼee hirqinfatee booʼe.
-
-
Yohaannis 18:15-17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Yeroo kanatti Simoon Pheexirosii fi barataa kan biraan tokko Yesuus duukaa buʼaa turan.+ Barataan sun luba ol aanaa sana biratti kan beekamu waan tureef, Yesuusii wajjin mooraa luba ol aanaa sanaatti seene; 16 Pheexiros garuu aluma balbala* dura dhaabbatee ture. Kanaafuu, barataan inni kan biraan luba ol aanaa biratti beekamu sun gad baʼee eegduu balbalaa sanatti himee Pheexirosiin ol galche. 17 Yeroo kanatti tajaajiltuun eegduu balbalaa taate sun Pheexirosiin, “Atis barattoota namicha kanaa keessaa tokko mitii?” jette. Innis, “Miti”+ jedhe.
-