-
Maatewos 26:69-75Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
69 Yeroo kanatti Pheexiros mooraa keessa ala taaʼee ture; tajaajiltuun takkas gara isaa dhuftee, “Atis Yesuus namicha Galiilaa sanaa wajjin turte!”+ isaan jette. 70 Inni garuu, “Ani wanta ati dubbachaa jirtu kana hin beeku” jedhee hunduma isaanii duratti gane. 71 Yommuu inni gara balbala mooraa sanaa deemus shamarreen kan biraan isa argitee, “Namichi kun Yesuus nama Naazireet sanaa wajjin ture”+ jettee warra achi jiranitti himte. 72 Ammas, “Ani namicha kana hin beeku!” jedhee kakachuudhaan gane. 73 Yeroo muraasa boodas, namoonni naannoo sana dhaabbatan gara Pheexiros dhufanii, “Atis dhuguma iyyuu isaan keessaa tokko dha; akkaataan dubbii kee* iyyuu si saaxila” isaan jedhan. 74 Yeroo kanatti Pheexiros, “Ani namicha kana hin beeku!” jedhee of abaaruu fi kakachuu jalqabe. Yeruma sanas kormaan indaaqqoo ni iyye. 75 Pheexirosis, Yesuus, “Kormaan indaaqqoo iyyuu isaa dura, siʼa sadii na ganta”+ jedhee akka ture yaadate. Achiis gad baʼee hirqinfatee booʼe.
-
-
Luqaas 22:55-62Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
55 Yeroo isaan mooraa sana walakkaatti ibidda qabsiisanii waliin taaʼan, Pheexirosis isaan gidduu taaʼee ture.+ 56 Haa taʼu malee, tajaajiltuun takka utuu inni ibidda qaqqaammatuu hubattee isa ilaaltee, “Namichi kunis isaa wajjin ture” jette. 57 Inni garuu, “Dubartii nana, ani isa hin beeku” jedhee gane. 58 Yeroo muraasa boodas namni kan biraan tokko isa argee, “Atis isaan keessaa tokko dha” jedhe. Pheexiros garuu “Namicha nana, ani isaan keessaa tokko miti”+ jedhe. 59 Gara saʼaatii tokkoo boodas namni kan biraan tokko, “Inni nama Galiilaa waan taʼeef, dhuguma namichi kun isaa wajjin ture!” jedhee cimsee dubbachuu jalqabe. 60 Pheexiros garuu, “Namicha nana, ani wanta ati dubbachaa jirtu hin beeku” jedhe. Utuma inni kana dubbachaa jiruu yeruma sana kormaan indaaqqoo ni iyye. 61 Yeroo kanatti Gooftaan garagalee Pheexirosiin ilaale; Pheexirosis wanta Gooftaan, “Harʼa kormaan indaaqqoo iyyuu isaa dura, siʼa sadii na ganta” jedhee isatti dubbate sana yaadate.+ 62 Achiis gad baʼee hirqinfatee booʼe.
-
-
Yohaannis 18:25, 26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Yeroo kanatti Simoon Pheexiros achi dhaabbatee ibidda qaqqaammata ture. Isaanis, “Atis barattoota isaa keessaa tokko mitii?” isaan jedhan. Innis “Miti”+ jedhee gane. 26 Garboota luba ol aanaa sana keessaa tokko, inni fira namicha Pheexiros gurra isaa irraa kute+ sanaa taʼe, “Ani iddoo biqiltuu sana keessatti isaa wajjin si hin arginee?” jedhe.
-