-
Maarqos 14:66-68Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
66 Pheexiros mooraa keessa karaa gadii utuu jiruu, shamarran tajaajiltoota luba ol aanaa taʼan keessaa tokko gara isaa dhufte.+ 67 Ishiin Pheexiros utuu ibidda qaqqaammatuu isa argitee, hubattee isa ilaalaa, “Atis Yesuus nama Naazireet kanaa wajjin turte!” jette. 68 Inni garuu, “Ani isa hin beeku; wanti ati dubbachaa jirtus naaf hin galle” jedhee gane; achiis gara karrichaa* dhaqe.
-
-
Luqaas 22:55-57Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
55 Yeroo isaan mooraa sana walakkaatti ibidda qabsiisanii waliin taaʼan, Pheexirosis isaan gidduu taaʼee ture.+ 56 Haa taʼu malee, tajaajiltuun takka utuu inni ibidda qaqqaammatuu hubattee isa ilaaltee, “Namichi kunis isaa wajjin ture” jette. 57 Inni garuu, “Dubartii nana, ani isa hin beeku” jedhee gane.
-
-
Yohaannis 18:25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Yeroo kanatti Simoon Pheexiros achi dhaabbatee ibidda qaqqaammata ture. Isaanis, “Atis barattoota isaa keessaa tokko mitii?” isaan jedhan. Innis “Miti”+ jedhee gane.
-