-
Maatewos 26:6-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Yesuus Bitaaniyaa keessa mana Simoon isa dhukkuba nadaayiitiin qabamee ture sanaa utuu jiruu,+ 7 dubartiin takka zayitii urgaaʼuu fi gatii guddaa qabu qaruuraa albaasxiroositti fiddee gara isaa dhuftee, utuu inni maaddiitti dhihaatee jiruu mataa isaa irratti dhangalaasuu jalqabde. 8 Barattoonni isaa kana yommuu argan aaranii akkana jedhan: “Wanti kun maaliif lafatti bada? 9 Kun maallaqa hedduutti gurguramee hiyyeeyyiidhaaf kennamuu dandaʼa ture.” 10 Yesuusis kana beekee akkana isaaniin jedhe: “Dubartii tana maaliif rakkistu? Ishiin wanta gaarii anaaf gooteetti.
-
-
Maarqos 14:3-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Yesuus Bitaaniyaa keessa mana Simoon isa dhukkuba nadaayiitiin qabamee ture sanaatti utuu maaddiitti dhihaatee jiruu, dubartiin takka zayitii urgaaʼaa gatiin isaa baayʼee guddaa taʼee fi naardosii qulqulluu irraa qophaaʼe qaruuraa albaasxiroositti fiddee dhufte. Achiis qaruuraa sana cabsitee banuudhaan mataa isaa irratti dhangalaasuu jalqabde.+ 4 Yeroo kanatti isaan keessaa tokko tokko aaranii akkana waliin jedhan: “Zayitiin urgaaʼu kun maaliif lafatti bada? 5 Zayitiin kun dinaaree* 300 olitti gurguramee maallaqni isaa hiyyeeyyiidhaaf kennamuu dandaʼa ture!” Baayʼees ishiitti ni aaran.* 6 Yesuus garuu akkana jedhe: “Ishii dhiisaa. Maaliif ishii rakkistu? Ishiin wanta gaarii anaaf gooteetti.+
-