-
Maarqos 14:3-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Yesuus Bitaaniyaa keessa mana Simoon isa dhukkuba nadaayiitiin qabamee ture sanaatti utuu maaddiitti dhihaatee jiruu, dubartiin takka zayitii urgaaʼaa gatiin isaa baayʼee guddaa taʼee fi naardosii qulqulluu irraa qophaaʼe qaruuraa albaasxiroositti fiddee dhufte. Achiis qaruuraa sana cabsitee banuudhaan mataa isaa irratti dhangalaasuu jalqabde.+ 4 Yeroo kanatti isaan keessaa tokko tokko aaranii akkana waliin jedhan: “Zayitiin urgaaʼu kun maaliif lafatti bada? 5 Zayitiin kun dinaaree* 300 olitti gurguramee maallaqni isaa hiyyeeyyiidhaaf kennamuu dandaʼa ture!” Baayʼees ishiitti ni aaran.* 6 Yesuus garuu akkana jedhe: “Ishii dhiisaa. Maaliif ishii rakkistu? Ishiin wanta gaarii anaaf gooteetti.+ 7 Hiyyeeyyiin yeroo hunda isinii wajjin waan jiraniif,+ yeroo barbaaddan hundatti waan gaarii isaaniif gochuu dandeessu; anaan garuu yeroo hunda hin argattan.+ 8 Ishiin wanta dandeessu gooteetti; zayitii urgaaʼu kana dursitee qaama koo irratti dhangalaastee awwaalaaf na qopheessiteetti.+ 9 Dhuguman isiniin jedha, guutummaa addunyaa irratti bakka misiraachoon kun lallabamu hundatti,+ wanti dubartiin tun gootes yaadannoo ishiitiif ni dubbatama.”+
-
-
Yohaannis 12:1-8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Ayyaanni Faasikaa gaʼuu isaa guyyaa jaʼa dura, Yesuus Bitaaniyaa bakka Alaazaar+ jiraatu gaʼe; Alaazaar kun isa Yesuus duʼaa kaase sana dha. 2 Kanaafuu, isaan achitti irbaata kan isaaf qopheessan yeroo taʼu, Maartaan isaan tajaajilaa turte;+ Alaazaar garuu warra isaa wajjin maaddiitti dhihaatan keessaa tokko ture. 3 Yeroo kanatti Maariyaam zayitii urgaaʼaa gara liitirii walakkaa* taʼu, gatiin isaa baayʼee guddaa taʼee fi naardosii qulqulluu irraa qophaaʼe fiddee miila Yesuus irratti erga dhangalaastee booda rifeensa ishiitiin haxooftee qoorsite. Manichis urgaa zayitii sanaatiin guutame.+ 4 Haa taʼu malee, Yihudaa Asqorotichi+ inni barattoota isaa keessaa tokko taʼee fi dabarsee isa kennuuf jedhu akkana jedhe: 5 “Zayitiin urgaaʼaan kun dinaaree* 300tti gurguramee hiyyeeyyiidhaaf kan hin kennamne maaliifi?” 6 Taʼus kana kan dubbate hiyyeeyyiidhaaf waan yaadeef utuu hin taʼin, hattuu waan taʼee fi maallaqa saanduqa isa harka jiru keessa buufamu irraa hatuu waan amaleeffateef ture. 7 Yeroo kanatti Yesuus akkana jedhe: “Ishii dhiisaa, ishiin kana kan goote barsiifata kana raawwachuudhaan guyyaan itti awwaalamuuf na qopheessuufi.+ 8 Hiyyeeyyiin yeroo hunda isinii wajjin jiru;+ anaan garuu yeroo hunda hin argattan.”+
-