-
Maatewos 26:6-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Yesuus Bitaaniyaa keessa mana Simoon isa dhukkuba nadaayiitiin qabamee ture sanaa utuu jiruu,+ 7 dubartiin takka zayitii urgaaʼuu fi gatii guddaa qabu qaruuraa albaasxiroositti fiddee gara isaa dhuftee, utuu inni maaddiitti dhihaatee jiruu mataa isaa irratti dhangalaasuu jalqabde. 8 Barattoonni isaa kana yommuu argan aaranii akkana jedhan: “Wanti kun maaliif lafatti bada? 9 Kun maallaqa hedduutti gurguramee hiyyeeyyiidhaaf kennamuu dandaʼa ture.”
-
-
Yohaannis 12:2-5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Kanaafuu, isaan achitti irbaata kan isaaf qopheessan yeroo taʼu, Maartaan isaan tajaajilaa turte;+ Alaazaar garuu warra isaa wajjin maaddiitti dhihaatan keessaa tokko ture. 3 Yeroo kanatti Maariyaam zayitii urgaaʼaa gara liitirii walakkaa* taʼu, gatiin isaa baayʼee guddaa taʼee fi naardosii qulqulluu irraa qophaaʼe fiddee miila Yesuus irratti erga dhangalaastee booda rifeensa ishiitiin haxooftee qoorsite. Manichis urgaa zayitii sanaatiin guutame.+ 4 Haa taʼu malee, Yihudaa Asqorotichi+ inni barattoota isaa keessaa tokko taʼee fi dabarsee isa kennuuf jedhu akkana jedhe: 5 “Zayitiin urgaaʼaan kun dinaaree* 300tti gurguramee hiyyeeyyiidhaaf kan hin kennamne maaliifi?”
-