-
Maatewos 26:59-61Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
59 Yeroo kanatti dura buutonni lubootaa fi guutummaan yaaʼii Saanhedriin,* Yesuusiin ajjeesuuf ragaa sobaa isa irratti barbaadu turan.+ 60 Haa taʼu malee, ragaa baatonni sobaa hedduun kan dhihaatan+ taʼus, ragaa quubsaa tokko illee hin arganne. Booda garuu ragaa baatonni lama dhihaatanii, 61 “Namichi kun, ‘Ani mana qulqullummaa Waaqayyoo diigee guyyaa sadiitti deebisee ijaaruu nan dandaʼa’+ jedheera” jedhan.
-
-
Maarqos 14:57, 58Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
57 Namoonni tokko tokkos kaʼanii akkana jedhanii sobaan isa irratti ragaa baʼuu jalqaban: 58 “Nuti yommuu inni, ‘Ani mana qulqullummaa harkaan ijaarame kana diigee, guyyaa sadiitti isa harkaan hin ijaaramne kan biraa nan ijaara’+ jedhu dhageenyeerra.”
-