LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 34:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Maleekaan Yihowaa naannoo warra Waaqayyoon sodaatan hundumaa ni buufata.+

      Isaan ni oolchas.+

  • Hojii Ergamootaa 12:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Haa taʼu malee, yeroo kanatti maleekaan Yihowaa* tokko dhufee achi dhaabbate;+ ifnis kutaa mana hidhaa sana keessatti ni ife. Achiis cinaacha Pheexiros tuttuqee isa dammaqsee, “Dafii kaʼi!” isaan jedhe. Funcaawwan sunis harka isaa irraa harcaʼan.+

  • Hojii Ergamootaa 16:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Akkuma tasaa kirkirri lafaa guddaan waan uumameef hundeen mana hidhaa sanaa ni raafame. Yeruma sana balballi hundi ni baname; funcaan hundi isaanii ittiin hidhaman isaan irraa ni hiikame.+

  • Ibroota 1:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Waaʼee maleekotaa immoo, “Maleekota isaa hafuurota, tajaajiltoota* isaas+ labooba ibiddaa ni godha”+ jedheera.

  • Ibroota 1:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 Hundi isaanii hafuurota tajaajila qulqulluu*+ dhiheessanii fi warra fayyina dhaaluuf jiran akka tajaajilan ergaman mitii?

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi