-
Uumama 41:40-46Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
40 Ati mana koo irratti ajajaa taata; sabni koo hundis guutummaatti siif ni ajajama.+ Ani si irra kanan caalu mootii taʼuu kootiin* qofa dha.” 41 Faraʼoon itti dabaluudhaan Yoseefiin, “Kunoo, ani guutummaa biyya Gibxii irratti si muudeera” jedhe.+ 42 Achiis Faraʼoon qubeellaa chaappaa isaa quba isaa irraa baasee quba Yoseefitti kaaʼe; akkasumas uffata baʼeessa quncee talbaa irraa tolfame isatti uwwise; amartii mormaa warqiis morma isaatti kaaʼe. 43 Kana malees, inni gaarii fardaa ulfinaa isa kan mootichaa taʼee fi sadarkaa lammaffaa qabu isa yaabbachiise; isaanis isa dura buʼanii, “Avreek!”* jedhanii iyyu turan. Akka kanaan inni guutummaa biyya Gibxii irratti isa ni muude.
44 Faraʼoon itti dabaluudhaan Yoseefiin, “Ani Faraʼooni; taʼus, guutummaa biyya Gibxii keessatti namni tokko iyyuu heyyama kee malee wanta tokko illee gochuu* hin dandaʼu” jedhe.+ 45 Sana booda, Faraʼoon Yoseefiif maqaa Zaafenaat Paaneʼaa jedhu ni moggaase; akkasumas intala Phoxiferaa isa luba Oon* taʼe sanaa kan taate Asenaatiin+ isatti heerumsiise. Yoseefis naannaʼee biyya Gibxii ilaaluu jalqabe.+ 46 Yoseef yommuu Faraʼoon mootii Gibxii dura dhaabbatetti* umuriin isaa waggaa 30 ture.+
Achiis Yoseef Faraʼoon duraa baʼee guutummaa biyya Gibxii keessa naannaʼe.
-