-
Maatewos 28:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Yeroo kanatti Yesuus isaanitti dhufee, “Nagaan isiniif haa taʼu!” jedhe. Isaanis isatti dhihaatanii miila isaa qabatanii isaaf sagadan.
-
-
Yohaannis 20:19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Guyyaa jalqabaa torban sanaa galgala, barattoonni Yihudoota waan sodaataniif balbala cufatanii utuu taaʼaa jiranii, Yesuus dhufee gidduu isaanii dhaabbatee, “Nagaan isiniif haa taʼu” isaaniin jedhe.+
-
-
1 Qorontos 15:4-7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 akkasumas, ni awwaalame;+ eeyyee, akkuma Kitaabonni Qulqulluun jedhan+ guyyaa sadaffaatti+ duʼaa ni kaafame;+ 5 achiis Keefaasitti,*+ sana boodas warra Kudha Lamaanitti mulʼate.+ 6 Achiis al tokkotti obboloota 500 caalanitti mulʼate;+ isaan keessaa tokko tokko duʼaniiru;* hedduun isaanii garuu amma iyyuu nuu wajjin jiru. 7 Sana booda Yaaqoobitti,+ achiis ergamoota hundatti mulʼate.+
-