-
1 Pheexiros 2:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Isin garuu isa dukkana keessaa gara ifa isaa isa dinqisiisaa taʼetti isin waame sanaaf,+ “ulfina isaa* balʼinaan akka labsitaniif,+ saba filatamaa, luboota mootota taʼan, saba qulqulluu,+ saba Waaqayyo qabeenya addaa godhachuuf fudhate”+ dha. 10 Isin duraan saba Waaqayyoo hin turre, amma garuu saba isaa taataniittu;+ inni duraan gara laafina isinitti hin argisiisne, amma garuu gara laafina isinitti argisiiseera.+
-