-
2 Qorontos 11:23-26Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Isaan tajaajiltoota Kiristoosii? Akka nama maraateettan dubbadha, ani hundumaa nan caala: Isaan caalaa hojjedheera,+ yeroo baayʼee hidhameera,+ rukuttaa lakkoofsa hin qabne rukutameera, akkasumas yeroo baayʼee duʼa jala gaʼeera.+ 24 Yihudoonni, 40 jechuuf tokko hanquu siʼa shan na garafaniiru,+ 25 Siʼa sadii uleedhaan reebameera,+ yeroo tokko dhagaadhaan tumameera,+ siʼa sadii dooniin ani ittiin deemu caccabeera,+ guyyaa tokkoo fi halkan tokko galaana irra tureera; 26 yeroo baayʼee karaa deemeera, lageen irraa balaan, saamtota irraa balaan, saba koo irraa balaan,+ saboota kaan irraa balaan,+ magaalaa keessatti balaan,+ lafa onaa keessatti balaan, galaana irratti balaan, akkasumas obboloota sobaa irraa balaan na irra gaʼeera;
-