LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 12:1-3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 Yihowaanis Abraamiin akkana jedhe: “Biyya kee, firoottan kee fi mana abbaa kee dhiisiitii gara biyya ani sitti argisiisu dhaqi.+ 2 Ani saba guddaa sin godha; sin eebbisa; maqaa kee guddaa nan godha; atis warra kaaniif eebba ni taata.+ 3 Warra si eebbisan nan eebbisa; isa si abaaru immoo nan abaara;+ maatiiwwan lafa irraa hundis dhugumaan karaa kee ni eebbifamu.”*+

  • Uumama 17:5, 6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 5 Kana booda maqaan kee Abraam* hin jedhamu; ani abbaa saboota hedduu waanan si godhuuf maqaan kee Abrahaam* jedhama. 6 Baayʼee akka hortu waanan godhuuf, saboonni hedduun si irraa ni argamu; mootonnis si keessaa ni baʼu.+

  • Uumama 22:17, 18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 ani dhugumaan sin eebbisa; dhugumaan sanyii kee akka urjiilee samii fi akka cirracha qarqara galaanaatti nan baayʼisa;+ sanyiin kees karra* diinota isaa ni dhaala.+ 18 Ati sagalee koo waan dhageesseef, saboonni lafa irraa hundi sanyii keetiin+ ofii isaaniitiif eebba ni argatu.’”+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi