-
1 Ximotewos 1:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Taʼus, gara laafinni kan natti argisiifame, Kiristoos Yesuus ana isa hunda caalaa cubbamaa taʼe akka fakkeenyaatti fayyadamee, namoota jireenya bara baraa argachuuf+ amantii isaanii isa irra kaaʼatanitti obsa isaa hundumaa argisiisuuf jedhee ti.
-
-
1 Yohaannis 2:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Yaa ijoollee koo, wantoota kana kanan isiniif barreessu akka isin cubbuu hin hojjenneefi. Haa taʼu malee, namni kam iyyuu cubbuu yoo hojjete nuti Abbaa biraa gargaaraa* qabna; innis Yesuus Kiristoos+ isa qajeelaa taʼe dha.+ 2 Inni aarsaa+ araaraa cubbuu keenyaaf dhihaate dha;+ taʼus cubbuu guutummaa addunyaatiifis+ malee cubbuu keenyaaf qofa miti.
-