-
1 Qorontos 6:19, 20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Qaamni keessan hafuura qulqulluu isa isin keessa jiruu fi Waaqayyo biraa argattaniif+ mana qulqullummaa+ akka taʼe hin beektanii? Kana malees, isin kan ofii keessanii miti;+ 20 sababiin isaas, isin gatiidhaan bitamtaniittu.+ Kanaafuu, karaa hundumaatiin qaama keessaniin+ Waaqayyoof ulfina kennaa.+
-
-
1 Pheexiros 1:18, 19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Isin akkaataa jireenyaa keessan isa gatii hin qabne isa abbootiin keessan isinitti dabarsan* irraa bilisa kan baatan,*+ wantoota badaniin, jechuunis meetii yookiin warqiidhaan akka hin taane beektu. 19 Kanaa mannaa, bilisa kan baatan dhiiga Kiristoos+ isa gatii guddaa qabuun,+ jechuunis dhiiga hoolaa hirʼinaa fi mudaa hin qabneetiini.+
-