-
Qolosaayis 1:23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 kun taʼuu kan dandaʼu garuu, abdii misiraachichaa isa dhageessanii fi uumama samiidhaa gad jiru hundatti lallabame+ sana irraa utuu asii fi achi hin jedhin buʼuura sana irratti ciminaan ijaaramtanii+ fi jabaattanii dhaabbattanii+ amantiidhaan jiraachuu+ keessan yoo itti fuftani dha. Ani Phaawulos misiraachoo kanaaf tajaajilaa taʼeera.+
-
-
1 Ximotewos 3:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Dhuguma iyyuu, iccitii qulqulluun Waaqayyoof buluu kun shakkii tokko malee guddaa dha: ‘Inni fooniin akka mulʼatu godhame,+ hafuuraan qajeelaa akka taʼe dubbatame,+ maleekotatti mulʼate,+ waaʼeen isaa saboota gidduutti lallabame,+ addunyaa keessatti itti amaname,+ akkasumas ulfinaan ol fudhatame.’
-