LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Ximotewos 4:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Haa taʼu malee, dubbiin geggeessaa hafuuraatiin dubbatame,* baroota boodaatti namoonni tokko tokko dubbiiwwan nama dogoggorsan warra geggeessaa hafuuraatiin dubbatamaniif,*+ akkasumas barumsa jinniiwwaniitiif xiyyeeffannaa kennuudhaan amantii keessaa akka baʼan ifatti dubbata;

  • 2 Ximotewos 2:16-18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Dubbii faayidaa hin qabnee fi wanta qulqulluu taʼe mormu irraa fagaadhu;+ sababiin isaas, wanti akkasii caalaatti Waaqayyoon tuffachuutti nama geessa; 17 dubbiin namoota akkasii akka gaangiriiniitti* babalʼachaa deema. Hemenewoosii fi Filexoos isaan keessaa tokko dha.+ 18 Namoonni kun duʼaa kaʼuun kanaan dura taʼeera+ jedhanii dubbachuudhaan dhugaa irraa jalʼataniiru; amantii namoota tokko tokkoos diigaa jiru.

  • 2 Ximotewos 4:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Sababiin isaas, yeroon namoonni barumsa gaarii*+ taʼe itti hin obsine ni dhufa; kanaa mannaa, akka fedhii isaaniitti barsiisota gurra isaanii isaaniif qirqirsan* walitti qabatu.+

  • 2 Pheexiros 2:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 2 Haa taʼu malee, akkuma raajonni sobaa saba sana gidduu turan, isin gidduuttis barsiisonni sobaa ni kaʼu.+ Namoonni kun gareewwan amantii badii geessisan dhoksaadhaan ni hundeessu, akkasumas gooftaa isa isaan bite+ illee gananii badiisa hatattamaa ofitti fidu.

  • 1 Yohaannis 2:18, 19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Yaa ijoolle, kun saʼaatii dhumaa ti; akkuma dhageessan mormituun Kiristoos dhufaa jira,+ ammuma iyyuu mormitoonni Kiristoos baayʼeen kaʼaniiru;+ kun saʼaatii dhumaa taʼuu isaa kanaan beekna. 19 Isaan nu keessaa baʼan, taʼus garee keenya* hin turre;+ sababiin isaas, utuu garee keenya taʼanii nuu wajjin itti fufu turan. Haa taʼu malee, garee keenya kan taʼan hunda isaanii akka hin taane akka beekamuuf isaan nu keessaa baʼaniiru.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi