-
1 Qorontos 9:14, 15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Haaluma wal fakkaatuun, warri misiraachicha labsan, wantoota karaa misiraachichaa argataniin akka jiraatan Gooftaan ajajeera.+
15 Ani garuu qophiiwwan kana keessaa isa tokkotti illee hin fayyadamne.+ Taʼus ani wantoota kana kanan isiniif barreessu kun akka naaf godhamuuf miti; sababiin isaas, namni kam iyyuu wantan ittiin boonu kana na jalaa fudhachuu isaa mannaa+ duʼuu naaf wayya!
-
-
2 Qorontos 11:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Haa taʼu malee, utuun isin bira jiruu yeroon rakkadhee turetti, obboloonni Maqedooniyaadhaa dhufan wanta na barbaachisu hunda waan naa kennaniif, ani nama tokkotti illee baʼaa hin taane.+ Eeyyee, karaa kamiin iyyuu baʼaa akkan isinitti hin taaneef of eeggachaan ture; gara fuulduraattis of eeggachuu koo ittan fufa.+
-
-
1 Tasalonqee 2:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Yaa obbolootaa, dadhabbii fi dhamaatii keenya akka gaariitti ni yaadattu. Misiraachoo Waaqayyoo yeroo isiniif labsinetti, isin keessaa nama tokko illee baasii hedduu baasisuudhaan baʼaa akka isinitti hin taanetti halkanii fi guyyaa hojjenna turre.+
-