LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Hojii Ergamootaa 20:34
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 34 Wanta anaafis taʼe warra anaa wajjin jiraniif barbaachisu dhiheessuuf harka koo kanaan akkan hojjedhe+ isinumti iyyuu beektu.

  • 1 Qorontos 4:11, 12
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Nuti hanga saʼaatii kanaatti ni beelofna,+ ni dheebonna,+ ni daarra,* ni reebamna,*+ manas hin qabnu; 12 akkasumas harka keenyaan dhamaanee hojjenna.+ Yommuu nu arrabsan ni eebbisna,+ yommuu nu ariʼatan obsaan jabaannee dhaabbanna;+

  • 1 Qorontos 9:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Ani garuu qophiiwwan kana keessaa isa tokkotti illee hin fayyadamne.+ Taʼus ani wantoota kana kanan isiniif barreessu kun akka naaf godhamuuf miti; sababiin isaas, namni kam iyyuu wantan ittiin boonu kana na jalaa fudhachuu isaa mannaa+ duʼuu naaf wayya!

  • 1 Tasalonqee 2:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Yaa obbolootaa, dadhabbii fi dhamaatii keenya akka gaariitti ni yaadattu. Misiraachoo Waaqayyoo yeroo isiniif labsinetti, isin keessaa nama tokko illee baasii hedduu baasisuudhaan baʼaa akka isinitti hin taanetti halkanii fi guyyaa hojjenna turre.+

  • 2 Tasalonqee 3:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 akkasumas, nyaata nama kamii iyyuu tola* hin nyaanne.+ Kanaa mannaa, isin keessaa nama tokko illee baasii hedduu baasisuudhaan baʼaa akka isinitti hin taaneef, halkanii fi guyyaa dadhabnee, akkasumas dhamaanee hojjenna turre.+

  • 2 Tasalonqee 3:10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 10 Eeyyee, yeroo isin bira turre ajaja, “Namni hojjechuu hin barbaanne kam iyyuu hin nyaatin” jedhu irra deddeebinee isiniif kennaa turre.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi