LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Maatewos 24:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Yesuus utuu Gaara Ejersaa irra taaʼee jiruu barattoonni isaa kophaatti gara isaa dhufanii, “Nutti himi, wantoonni kun yoom raawwatamu? Mallattoon argama*+ keetii fi kan dhuma sirna* kanaa maali dha?”+ isaan jedhan.

  • 1 Ximotewos 4:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Haa taʼu malee, dubbiin geggeessaa hafuuraatiin dubbatame,* baroota boodaatti namoonni tokko tokko dubbiiwwan nama dogoggorsan warra geggeessaa hafuuraatiin dubbatamaniif,*+ akkasumas barumsa jinniiwwaniitiif xiyyeeffannaa kennuudhaan amantii keessaa akka baʼan ifatti dubbata;

  • 2 Pheexiros 3:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Hundumaa dura, guyyoota dhumaatti qoostonni fedhii ofii isaanii hordofuudhaan qoosan akka dhufan beekaa;+

  • Yihudaa 17, 18
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Isin garuu yaa obboloota jaallatamo, wantoota ergamoonni Gooftaa Keenya Yesuus Kiristoos kanaan dura dubbatan yaadadhaa; 18 isaan, “Bara dhumaatti qoostonni fedhii isaanii isa hamaa hordofan ni dhufu”+ isiniin jedhu turan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi