14 Ani abbaa isaa nan taʼa, innis ilma koo ni taʼa.+ Yommuu inni balleessaa raawwatu, ulee namootaatiin, harcummee* ilmaan namootaatiinis* isa nan adaba.+
17 Inni yeroo jechoonni,* “Kun Ilma koo isa jaallatamaa, isa ani ofii kootii itti gammadu dha”+ jedhan ulfina guddaadhaan isatti dubbatamanitti Waaqayyo Abbaa biraa ulfinaa fi kabaja argateera.