LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Uumama 6:1-4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Lakkoofsi namootaa lafa irratti baayʼachuu jalqabee ijoolleen durbaa yeroo isaaniif dhalatanitti, 2 ilmaan Waaqa dhugaa*+ ijoolleen durbaa ilmaan namootaa babbareedoo akka taʼan hubatan. Kanaafuu, warra filatan hundumaa fudhatanii haadhotii manaa godhatan. 3 Achiis Yihowaan, “Namni foon* waan taʼeef, hafuurri koo bara baraaf isaaf hin obsu.+ Kanaafuu, guutummaan bara jireenyaa isaa waggaa 120 taʼa” jedhe.+

      4 Bara sanattii fi sana booda Nefiliimonni* lafa irra jiru turan. Yeroo sanatti ilmaan Waaqa dhugaa ijoollee durbaa ilmaan namootaa wajjin saalqunnamtii ni raawwatan; isaanis ijoollee dhiiraa isaaniif ni daʼan. Ijoolleen isaanii kunis bara duriitti namoota jajjaboo beekamoo taʼan turan.

  • 1 Pheexiros 3:19, 20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 Haala kana keessa utuu jiruus, dhaqee hafuurota mana hidhaa keessa jiraniif lallabe;+ 20 isaan warra bara Nohitti yeroo Waaqayyo obsaan eegaa* turee+ fi yeroo dooniin namoonni muraasni, jechuunis lubbuun* saddeet bishaan irraa itti oolan+ ijaaramaa turetti+ utuu hin ajajamin hafani dha.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi