Wangeela Maarqos
16 Sanbanni+ erga darbee boodas, Maariyaam ishiin Magdalaa, Maariyaam+ haati Yaaqoobii fi Salomeen dhaqanii reeffa isaa dibuuf urgooftuu bitan.+ 2 Guyyaa jalqabaa torban sanaatti ganama barii akkuma aduun baateen gara awwaalichaa* dhufan.+ 3 Isaan, “Eenyutu afaan awwaalichaa irraa dhagicha nuuf gangalcha?” waliin jechaa turan. 4 Yommuu ol jedhanii ilaalan garuu, dhagichi akka malee guddaa taʼus, afaan awwaalichaa irraa akka gangalfame argan.+ 5 Yommuu gara awwaalichaatti seenanis dargaggeessa uffata adii uffatee karaa mirgaa taaʼe tokko arganii baayʼee naʼan. 6 Innis akkana isaaniin jedhe: “Hin naʼinaa.+ Isin Yesuus nama Naazireet isa muka irratti fannifamee ture sana barbaadaa jirtu. Inni duʼaa kaafameera.+ Amma as hin jiru. Kunoo, bakka isaan reeffa isaa kaaʼanii turan ilaalaa.+ 7 Haa taʼu malee dhaqaatii, ‘Inni isin dursee gara Galiilaa ni dhaqa.+ Akkuma isinitti himee tures achitti isa ni argitu’ jedhaatii barattoota isaa fi Pheexirositti himaa.”+ 8 Kanaafuu, isaan achii baʼanii hollachaa fi ajaaʼibsiifachaa awwaalicha biraa baqatan. Isaan sodaadhaan kan kaʼe nama tokkotti iyyuu homaa hin dubbanne.*+